Ityoophiyaanonni hundi gootummaa garee weeraraa qolachuuf argisiisan hojii deebisanii ijaaruutiin akka irra deebi’an amantaan qaba- obbo Kiristaan Taaddalaa

Finfinnee, Muddee 19, 2014 (FBC)- Ityoophiyaanonni hundi gootummaa garee weeraraa qolachuuf argisiisan hojii deebisanii ijaaruutiin akka irra deebi’an amantaan guutuu kan qaban ta’uu miseensi mana marii bakka bu’oota uummataa fi hogganaan dhimmota siyaasaa ABIN obbo Kiristaan Taaddalaa ibsan.

Miidhaa gareen shororkeessaa ABUT uummata Ityoophiyaarraan ga’e hangana jedhamee ibsamuuf rakkisaa ta’uu fi garichi mul’ata Ityoophiyaa diiguu fi ityoophiyaanota salphisuuf  qabatee ka’uu ibsaniiru.

Garichi uummata Amaaraa diina godhachuun ajjeechaa jumlaa, miidhaa namoomaa, diinagdee, hawaasummaa fi xiin sammuu qaqqabsiisuu kaasaniiru.

Miidhaa garichi naannoo Amaaraatti dhaabbilee fi bu’uuraalee garaagaraarratti raawwateen guddina naannichaa waggoota 30 hanga 40 duubatti kan harkisu ta’uu himaniiru.

Bu’uuraalee misoomaa naannolee Amaaraa fi Afaaritti barbadaa’an deebisanii ijaaruu fi lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an deebisanii dhaabuuf dhaabbileen garichi kaayyoo badiif itti fayyadamaa ture fudhatamanii kaayyoo kanaaf ooluu akka qabu eeraniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment