Ityoophiyaanonni buqqaatota Naannoo Amaaraatti argaman akka deeggaran waamichi dhiyaate

Finfinnee, Bitootessa 24, 2015 (FBC)- Koomishiniin Ittisaa Balaa fi Wabii Nyaataa Naannoo Amaaraa lakkoofsi buqqaatota naannichaa dabalaa waan jiruuf Ityoophiyaanonni deeggarsa akka taasisan waamicha dhiyeesseera.

Ittaantuun Komishinaraa Komishinichaa Itaaganyi Addaam lakkoofsi buqqaatotaa naannichaa miiliyoona 1.5 ol ga’uu ibsaniiru.

Buqqaatonni kunneen naannolee biroorraa fi walitti bu’iinsa kutaa Kaabaan kanneen buqqa’anii qe’ee isaaniitti hindeebineedha jedhan.

Baajata mootummaa federaalaatti dabalataan baajataa naannichaan deeggarsaa taasisuuf hojjetamaa jiraatus, buqqaatonni dabalataan dhufan jiraachuu dubbataniiru.

Kanaaf Ityoophiyaanonni deeggarsa taasisan cimsanii akka itti fufan waamichaa dhiyeessaniiru.

Dhaabbanni Meerijooy Ityoophiyaa buqqaatota Magaalaa Dabira Birhaanitti argaman hawaasa diyaaspooraa fi artistootarraa deeggarsa akaakuun walitti qabe Birrii miiliyoona 1.3 olitti tilmaamamu kenneera.

Deeggarsichis cimee kan itti fufu ta’uu dhaabbatichi beeksiseera.
Eliyaas Shuumiyyeetu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment