Finfinnee, Onkololeessa 11, 2014 (FBC)- Ityoophiyaanonni Ameerikaa jiraatan lammiilee gocha shororkeessaa ABUTiin qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa Doolaara Kuma dhibba 1 fi kuma 90 ol taasisuu ibsame.
Lammiileen Ityoophiyaa Ameerikaa Deenvar, Awurooraa fi naannoo deeggarsa olaanaa taasisuu Ameerikaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Fitsum Araggaa ibsaniiru.
Ityoophiyaanonni kunneen lammiilee gocha badii garee shororkeessaa ABUT’tiin qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif Doolaara kuma 1 fi kuma 90 ol taasisuu ibsaniiru.
Ameerikaatti deeggarsi lammiin lammiif jedhu dabalaa dhufuu fi bakkeewwan biroottis deeggarsa sassaabuuf qophiin taasifamaa jiraachuu Ambaasaaddar Fitsum himaniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.