Ityoophiyaanonni Ameerikaa jiraatan deeggarsa akaakuu Doolaara miiliyoona 16.5 fi maallaqaa taasisan

Finfinnee, Adoolessa 9, 2015 (FBC)- Lammiileen Ityoophiyaa Ameerikaa jiraatan pirojektootaa fi waamicha biyyaalessaaf deeggarsa meeshaalee akaakuu garaagaraa Doolaara miiliyoona 16.5 olitti tilmaamamuu fi maallaqaa callaa taasisaniiru.

Deeggarsichis, pirojektoota fi waamicha biyyaalessaa bara 2015’f kan oolu ta’uu Ameerikaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Dooktar Silashii Baqqalaan ibsaniiru.

Gareen jilaa Daayrektara Tajaajila Diyaaspooraa Ityoophiyaa Dooktar Mahaammad Indiriyaasiin durfamu Waashingitan DC’tti, dippilomaasii diyaaspooraa fi hirmaannaa hundagaleessaarratti, Embaasii Ityoophiyaa waliin mari’ataniiru.

Diyaaspooraan sababa walitti bu’iinsaan lammiilee miidhaman dandamachiisuu fi bu’uuraalee Misoomaa deebisanii Ijaaruuf waamicha biyyaalessaa dhiyaate “Maaddiin Dhalootaaf”, Hidhaa Haaromsaa fi hojiilee tola ooltummaa bara baajatichaatti, maallaqaa callaa Doolaara kuma 965 ol, meeshaalee akaakuu garaagaraa Doolaara miiliyoona 15 deeggarsi taasifamuu ibsameera.

Ijaarsi pirojektoota Manneen barnootaa fi dhaabilee fayyaa 14 Diyaaspooraan eegalamuu eerameera.

Dabalataan hanga Caamsaa 2015’tti Ameerikaa Kaabaarraa sharafni alaa Doolaarri kuma 483 ol namoota dhuunfaan ergamuu himameera.

Gareen jilichaa Waashingitanitti tajaajila Fayyaa hawaasaa kan kennu Giddugala hawaasa Ityoophiyaa daawwachuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment