Ityoophiyaanonni 102 Sudaanii gara biyyaa deebi’an

Finfinnee, Muddee 24, 2012 (FBC) – Ityoophiyaanonni 102 Sudaanii gara biyyaa deebi’an.
 
Sudaanitti Imbaasiin Ityoophiyaa, Waajjira Ittisaa fi To’annaa Daddabarsa Namoota Seeran Alaa Sudaan waliin ta’uudhan Ityoophiyaanota faddaaltotaan qabamanii gara Baha Jiddugaleessaatti dabarfamuuf mankuusaa keessatti itti cufamee ture 102 gadhiisisuun baasii imala isaanii danda’uun gara biyyaa deebiseera.
 
Lammiilee kanneenif baatiiwwaniif wiirtuu da’annaatti nyaata, yaalli fayyaa, tajaajilli gorsaa laatamaafii tureera.
 
Sudaanitti Imbaasiin Ityoophiyaa walakkaa bara baajataa 2012tti Ityoophiyaanota 500 ol gara biyyaa deebisiisera.
Comments (0)
Add Comment