Ityoophiyaannonni 74 dabalataan Libaanoosi gara biyya galan

Finfinnee, Hagayya 27, 2012 (FBC) – lammiileen Ityoophiyaa 74 imalaa marsaa 8ffaan gara biyyaa deebi’aniiru.

Baasii geejjiba ofiin of danda’uun gara biyyaa galuuf galmaa’anii kan turan lammiileen Ityoophiyaa gara biyya deebi’aniiru.

Guyyoota sadeen darban mana amalaa sirree kan turan, eyyaama jireenya kan hin qabne, kanneen miidhaan adda addaa irra ga’uun deeggarsii taasifamafi turee akkasumas lammii Ityoophiyaa yaalli fayyaa taasifamafi turee dabalatee lammiileen Ityoophiyaa 329 gara biyyasaani deebi’aniiru.

Haaluma wal fakkatuun har’a galgalaa fi guyyoota itti anaanitti lammiileen Ityoophiyaa 81 gara biyya isaanii akka deebi’an ragaan waajjira Qoosilaa Ityoophiyaa Beeruutirraa arganne ni muuldhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment