Ityoophiyaan yoomiyyuu gootoota ishee hin dagattu – Preezdaanti Saahilawarq

Finfinnee, Qaammee 4, 2013 (FBC) – Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen Hospitaala Xoor Hayiloochitti argamuun loltoota darree waraanaatti miidhamuun yaalarratti argaman daawwataniiru.

Ityoophiyaan yoomiyyuu gootoota ishee hin dagattu jedhan Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen.

Guyyaa Gootummaa sababeeffachuun daawwannaa Hospitaalichatti taasiisaniin, biyyi akka hin diiggamne gootanni lubbuu qaalii laataniin kan boonaan ta’uu fi guyyaa kan isin waliin kabajuu danda’uu kootti kabajatu natti dhaga’ama jedhan.

Gootoota yaalarratti argaman kanneeniif bulchiinsa magaalaa Finfinnee waliin ta’uun hoolootaa fi sangoota kennaa ayyaanaa arjoomaniiru.

Miidhaa irra ga’erraa dandamachuun yeroo dhiyootti gara jaalleewwan isaaniitti kan makaman ta’uu hawwii qaban ibsaniiru.

Maddi:-TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment