Ityoophiyaan yakkamaaf bakka hin qabdu-Dr Abiy

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2013 (FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ityoophiyaan qaama yakkamaa ta’eef bakka hin qabdu jedhaniiru.

Dooktar Abiy fuula Twiitara isaanitiin akka ibsaniitti, heerri mootummaa FDRI keewwata 51 jalatti aangoo fi ga’ee hojii mootummaa federaalaa akka tarreeseetti mootummaan federaalaa ‘heera mootummaa ni eega’ jechuun tumameera jedhan.

Yaa ta’uutii mootummaan dirqama isaa ba’uuf haleellaa gareen ABUT raayyaa ittisa biyyaa irratti raawwateef olaantummaa seeraa kabachiisuuf tarkaanfii fudhataa jiraachuu eeraniiru.

Dooktar Abiy, qaamoleen yakka raawwatan bakka dhokatanii baasuun uummanni biyyattii hundi gara badhaadhinaatti ni imaalla jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment