Ityoophiyaan yaa’ii bulchiinsa marsariitii idil addunyaa 17ffaa gaggeessiturratti biyyoonni Afrikaa dammaqinaan akka hirmaataniif waamicha dhiyeessite

Finfinnee, Adoolessa 18, 2014 (FBC)- Ityoophiyaan yaa’ii bulchiinsa marsariitii Idil addunyaa 17ffaa bara dhufu gaggeessiturratti biyyoonni Afrikaa dammaqinaan akka hirmaataniif waamicha dhiyeessite.

Qaama yaa’ichaa kan ta’e Yaa’iin bulchiinsa marsariitii Afrikaa 11ffaan Maalaawwiitti gaggeeffameera.

Yaa’icharratti Ityoophiyaa bakka bu’uun kan hirmaataan Ministir Deetaan Ministeera Innooveeshiniifi Teeknooloojii aadde Huuriyaa Aliin, yaa’ii bulchiinsa marsariitii idil addunyaa 17ffaa Ityoophiyaan bara dhufu gaggeessiturratti biyyoonni Afrikaa dammaqinaan akka hirmaataniif waamicha dhiyeessaniiru.

Ityoophiyaan yaa’icha milkaa’inaan gaggeessuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.

Damechaan, muuxannoo ityoophiyaan qabdu waltajjichaaf ibsaniiru.

Yaa’iin ityoophiyatti gaggeeffamuu bulchiinsa interneetiin walqabatee, hanqinaalee biyyoonni afrikaa qabaan irratti xiyyeeffachuun kallattii furmaataa kan akeekuu fi baaftonni imammaataa yaadaa ka’umsa akka argtaniif akka hojjetamu eeraniiru.

Imammanni dijitaalaa Ityoophiyaa 2015 biyyoota Afriikaaf akka moodelaatti kan fudhatamuu ta’uun waltajjicharratti dinqisiifannaa argateera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment