Finfinnee, Waxabajjii 30, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan Yaa’ii Bulchiinsa Intarneetii Idil Addunyaa qopheessuuf qophii gahaa taasisaa jiraachuu Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii ibse.
Gorsaan garee qaamolee dhimmamtootaa bulchiinsa Intarneetii idil addunyaa Jeeneevitti walga’ii gaggeessaa jira.
Ministir Deetaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Huuriyaa Aliin qophii waliigalaa Ityoophiyaan taasisaa jirturratti ibsa taasisaniiru.
Ityoophiyaan Yaa’ii Bulchiinsa Intarneetii Idil Addunyaa qopheessuuf qophii gahaa taasisaa jiraachuu ibsaniiru.
Yaa’icha gaggeessuuf kan dandeessisan hojiileen qophiin duraa xumuramaa jiraachuu eeruun, yaa’ichi nagaan akka xumuramuuf kutannoo Ityoophiyaan qabdu ibsaniiru.
Yaa’iin Bulchiinsa Intarneetii Idil Addunyaa 17ffaan Sadaasa 19-23,2015 magaalaa Finfinneetti kan gaggeeffamu ta’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.