Finfinnee, Bitootessa 24, 2014 (FBC)- Ityoophiyaan Waltajjii Fooramii Ministiroota Dhimma Godaansaa dura taa’ummaan akka hoggantuuf filatamteetti.
Ityoophiyaan Waltajjii Fooramii Ministiroota Dhimma Godaansaa dura taa’ummaan akka hoggantuuf filatamuushee Ministirri Ministeera Hojii fi Kalaqaa Aadde Mufariyaat Kaamil himaniiru.
Waltajjii Fooramii Ministiroota Dhimma Godaansa Hojjettoota Naannawaa kan irratti biyyoonni Gaanfa Afrikaa fi Bahaa 11 Naayiroobiitti guyyoota jahaaf hirmaachaa turaniiru jedhame.
Biyyoonni miseensichaa kunneenis Ityoophiyaa waliin hojiilee adda addaa akka hojjetanis himaniiru.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.