Finfinnee, Sadaasa 23, 2015(FBC)- Ityoophiyaan Walga’ii Diinagdee Dhaabbilee Naannawaa Afrikaa 7ffaafi Gamtaa Afrikaatti Siimpooziyeemii Diinagdee Addaa 5ffaa Naayijeeriyaa magaalaa Abujaatti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jirti.
Simpooziyeemicharratti ce’umsa damee indaastirii saffisiisuuniifi diinagdee cimaa ijaaruun akkasumas fooyya’iinsa imaammata misooma magariisaa guddisuun gahee diinagdee naannawaarratti qaburratti mari’atameera.
Ittaanaan Komishinara Komishinii Invastimantii Ityoophiyaa Daani’eel Tarreessaan, bu’aa Ityoophiyaan damee misooma indaastiriirratti galmeesiste, gahee inni naannawicharratti qabuufi jijjiirama imaammataarratti ibsa taasisaniiru.
Muuxannoo Ityoophiyaan Carraa hojii uumuu, guddina daldala alaa, ce’umsa ogummaafi teekinooloojii akkasumas walitti hidhamiinsa naannawaarratti qabdu qoodaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.