Finfinnee, Onkololeessa 4, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan Walga’ii Mana Maree hojii raawwachiiftuu Ministirootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaa dhugaa ishee itti ibsuuf kan itti fayyadamtu ta’uu dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii ibsan.
Walga’chaan dhimmoonni Vaayrasii koroonaa, haala talaallii Vaayrasii koroonaa, hojiilee kalaqa talaallii jajjabeessuu, baajata Gamtaa Afrikaa of dandeessisuu, haala qisaasama hir’iseen uwwisa baajata taasisuu, caaseffama gamtichaa sirreessuu jedhamanii ka’uu Ambaasaaddar Diinaan ibsaniiru.
Gamtaan Afrikaa filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa Ityoophiyaa taajjabuu isaatiif galateeffataniiru.
Hojiileen nageenyaa fi tasgabbii mirkaneessuuf hojjetaman Itti aanaa Muummee Ministiraa fi Ministira Ministeera Dhimma Alaa Ityoophiyaa obbo Dammaqaa Mokonniniin ibsi itti kennameera.
Gamtichatti caasalee garaagaraarratti namoota filuu fi CDC jabeessuu irratti waaree booda irratti kan mari’atamu ta’uu ibsameera.
Beeniin imbaasii ishee Ityoophiyaatti banuuf fedhii akka qabdu ibsuu ishee Ambaasaaddar Diinaan himaniiru.
Walga’iichaan cinatti Ityoophiyaan dhimma Hidha Haaromsaa Guddichaa fi haala yeroo naannoo kaaba Ityoophiyaarratti dhugaa jiru beeksisaa kan jirtu ta’uu ibsaniiru.
Qajeeltoo rakkoo Afrikaaf furmaata Afrikaa jedhurratti Ityoophiyaan ejjennoo cimaa kan qabdu ta’uu ibsuun, qajeeltoo kanaan dhugaa ishee beeksisuun walga’icha akka carraa gaariitti itti fayyadamti jedhaniiru.
Afawarq Iyyaayyuutu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.