Ityoophiyaan wabii nyaataan of danda’uuf tattaaffiin taasistu biyyoota Afrikaaf fakkeenya akka ta’u ibsame

Finfinnee, Amajjii 17, 2015 (FBC)- Ityoophiyaan qonna ammayyeessuun wabii nyaataan of danda’uuf tattaaffiin taasisaa jirtu biyyoota Afrikaaf fakkeenya akka ta’u ibsame.

Walga’iin mata duree “Afrikaa Haa Soorru” jedhuun wabii nyaataa mirkaneessuu fi of danda’uurraatti xiyyeeffate Seneegaal Daakaaritti gaggeeffamaa jira.

Ministirri Misoomaa fi Pilaanii Fitsum Asaffaa walga’icharratti bara faranjootaa 2016 hanga 2022’tti hojiirra kan oolaa jiru Sagantaa Wabii Nyaataa fi Dhiyeessi Qonnaa Biyyaalessaa jalqabaan jijjiirama dhufe dhiyeessaniiru.

Gama qonnaan tattaaffii Ityoophiyaan taasisaa jirtu ilaalchisee dureewwanii fi dhaabbilee tumsitootaaf ibsa kennaniiru.

Dabalataan Baankiin Misoomaa Afrikaatiin hojiirraa oolmaa sagantichaan oomisha qamadiin of danda’uuf tattaaffii Ityoophiyaan taasiftee fi bu’aan milkeessite akka fakkeenyaatti dhiyaachuun irratti mari’atameera.

Fuulduratti bara 2023 hanga 2027’tti sagantaan wabii nyaataa fi dhiyeessii qonnaa marsaa 2ffaaf qophaa’uu ibsaniiru.

Ityoophiyaanis hojiirraa oolmaa sagantichaa marsaa 2ffaan oomisha qamadiin guutummatti fedhii biyya keessaa guutuun garaa alaatti erguu, ataraa akuurii zayita nyaataaf oolu baay’inaan oomishuu fi dhiyeessii foon lukkuu fi killee guddisuurratti xiyyeeffachuun hojjechuuf karoorfachuu eeraniiru.

Karooricha hojiirra oolchuufis Doolaaraa biiliyoona 2.84 akka barbaachisu fi maallaqa kanas baajata mootummaa, hirmaannaa seektara dhuunfaa fi deeggarsa dhaabbilee tumsitootaarraa argamuun kan hojiirraa oolfamu ta’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment