Ityoophiyaan UNICEF fi Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa dhugaa miidhaa ABUT naannoo Amaaraa fi Affaaritti qaqqabsiisee akka baasaan gaafatte

Finfinnee, Muddee 5, 2014 (FBC)- Ityoophiyaan UNICEF fi Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa miidhaa ABUT naannoo Amaaraa fi Affaaritti qaqqabsiisee ilaalchisee dhugaa jiru ifatti akka baasaan gaafatteetti.

Ministeera dhimma alaatti daayreektarri olaanaan dhaabbilee biyya alaa Yooseef Kaasaayee, hoggantoota UNICEF fi dhaabbata fayyaa addunyaa waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniitini gareen shororkeessaa ABUT Tigraayiin dabalatee naannolee Amaaraa fi Affaar bocaalee biyyaattii fi dhaabbilee fayyaa barbadeessuu fi miidhaa qaqqabsiisee dhaabbileen kunneen mormuu dhabuun callisuu filachuun isaaniin walqabsiisee ejjennoo mootummaan qabu hubachiisaniiru.

Daayreektarichi dhimmoonni diinagdee, hawaasummaa fi bu’uraalee misoomaa xiyyeeffannoo baldhaa akka barbaadan kaasaniiru.

Hawaasni idil addunyaa gocha gareen shororkeessaa ABUT raawwatee mormuu dhabuun isaanii garichi badii dabalataa akka raawwatu jajjabeesseras jedhaniiru.

Hoggantoonni dhaabbilee kunneen gama isaaniin, hojiiwwan aadaa haawwataa Ityoophiyaa eegsisuun itti gaafatamuummaa qaba tilmaamama keessaa galchuun dhimma Ityoophiyaa xiyyeeffannoon ilaaluuf waada galaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment