Ityoophiyaan tumsa diinagdee biyyoota lixa Afrikaa waliin qabdu cimsuuf hojjechaa jirti jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan tumsa diinagdee biyyoota lixa Afrikaa waliin qabdu cimsuuf hojjechaa jiraachuu Ministeera Dhimma Alaatti Daayrektarri biyyoota Lixa Afrikaa Eeliyaas Malaakuu ibsan.

Ityoophiyaan biyyoota Baha Afrikaa bu’uuraalee misoomaan walitti hidhuun tumsa diinagdee cimsuuf hojjechaa jiraachuu eerameera.

Kana malees biyyattiin tumsa siyaasaa fi diinagdee biyyoota Afrikaa biroo waliin qabdu daran cimsuun ardichatti diinagdee cimaa ijaaruuf hojjechaa jiraachuu ibsameera.

Ityoophiyaan hariiroo biyyoota lixa Afrikaa waliin qabdu daran cimsuun tumsa biyyoota ardichaaf ga’ee ishee kan ba’attu ta’uu Ministeera Dhimma Alaatti Daayrektarri Dhimma biyyoota lixa Afrikaa Eeliyaas Malaakuu eeraniiru.

Daawwannaan Muummichi Ministiraa Abiy Ahimad dhiyeenya garasitti taasisan kanaaf agarsiistuu ta’uu kaasaniiru.

Yeroo itti aanutti Seeneegaal, Aayiveeriikoost, Toogoo fi kanneen biroo waliin tumsa diinagdee uumuun ardii jabduu ijaaruuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Ityoophiyaan naannawaa lixa Afrikaatti hariiroo cimaa uumaa jiraachuu eeruun, hojii kana gara biyyoota Afrikaa birootti babal’isuuf kuttannoon kan hojjettu ta’uu ibsaniiru.

Kunis ardicha gara boqonnaa haaraatti ceesisuuf ga’ee olaanaa qaba jechuu TOI gabaaseera.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment