Finfinnee, Onkololeessa 17, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan tasgabbii fi nageenya Sudaan akka nageenya mataa isheetti ilaalti jedhan,Qorataan hariiroo biyyoota Arabaa fi Ityoophiyaa Zahid Zeeydan Al_Harari.
Ityoophiyaafi Sudaan biyyoota dhiigaan walitti hidhamanii fi hariiroo waggoota dheeraa qabanidha jedhan.
Ityoophiyaan wayita rakkoon ummata Sudaan mudatu yeroo hunda cinaa dhaabatti jedhan.
Kanaan duras yeroo Preezdaantiin Sudaan duraanii Omaar Hasan Al-Basahir aangoorraa kaafamaan Sudaan keessatti rakkoo nageenyaa uumame ture karaa nagaan akka furamuuf ga’een Ityoophiyaa bahaachaa turte olaanaa ta’uu kaasaniiru.
Ammas taanaan Ityoophiyaa nageenyaa Sudaan akka nageenyaa mataa isheetti ilaalti jedhan.
Ummanni Ityoophiyaas Sudaan keessatti nageenyi akka dhufu cimsaanii barbaadus jechuun dubbatan obbo Zahid.
Ityoophiyaan jijjiirama Sudaan keessatti dhufe itti dhiyeenyaan hordofuu qabdiis jedhan.
Ministeerri Dhimma Alaa FDRI Sudaan ilaalchisee ibsi dheengadda baase kanuma kan mirkaneessu ta’uu kaasaniiru.
Ityoophiyaan jijjiirrama Sudaanitti dhufuuf qophii barbaachisu taasiisuu qabu jedhaniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.