Finfinnee, Waxabajjii 8, 2013 (FBC) – Ityoophiyaan talaallii Covid -19 kuma dhibba 4tti hiiqu yeroo dhiyootti kan argattu ta’uu Ministeerri Fayyaa beeksiisee.
Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan talaallii marsaa 2ffaa yeroo itti aanuu laatamu ilaalchisee ibsa laataniiru.
Ityoophiyaan yeroo dhiyootti talaallii Covid- 19 kuma dhibba 4 kan argattu ta’uu himaniiru.
Mootummaan dabalataan bittaa talaallii Covid–19 raawwachuuf baajata ramaduun akaakuu fi hamma isaa dabaluuf dhaabbilee deeggartootaa idil addunyaa fi Gamtaa Afrikaa waliin hojjechaa jiraachuu beeksisaniiru.
Waliin ga’iinsa uwwisa talaallichaa babal’isuuf dhaabbilee garaagaaraa waliin hojjetamaa jiraachuu kaasaniru.
Haaluma kanaan yeroo dhiyootti talaallii kuma dhibba 4 hiiqu Gamtaa idil addunyaa Koovaaksiirraa galchuun kan eegalamu ta’uu eeraniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.