Ityoophiyaan Sudaanii fi Gibtsi dhimma Hidha Haaromsaarratti marii sadee Gamtaa Afrikaan durfamuu akka kabajan waamicha dhiyeessite

Finfinnee, Eebila 11, 2013 (FBC) – Ityoophiyaan Sudaanii fi Gibtsi dhimma Hidha Haaromsaarratti marii sadee Gamtaa Afrikaan durfamuu akka kabajan waamicha dhiyeessiteerti.

Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makoonniin marii sadee hidha haaromsaa Gamtaa Afrikaan durfamuu ilaalchisee mana maree nageenyaa idil addunyaaf xaalayaa barreessaniin ejjennoo Ityoophiyaa ifoomsaniiru.

Miseensoonni mana marichaa biyyoonni kunneen gara marii sadee Gamtaa Afrikaan durfamuutti akka deebi’an dhiibbaa uumuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Adeemsi marii gamtaa Afrikaan durfamu qajeeltoowwan mana marichaa bu’uura kan taasiifatee fi rakkoo Afrikaaf furmaanni Afrikaa barbaachisaa ta’uu obbo Dammaqaan xaalayaa barreessaniin hubachiisaniiru.

Adeemsi Sudaanii fi Gibtsi bu’aa barbaaddamu irra ga’uuf qophii kan hin taane ta’uu ibsaniiru.

Biyyoonni kunneen maricha jeequu fi burjaajeessuu filannoo taasiisuu fi dhimmicha qabiyyee idil addunyaa taasiisuun Ityoophiyaarratti dhiibbaa uumuuf yaalaa jiraachuu isaanii kaasaniiru.

Obbo Dammaqaan marii sadee gamtaa Afrikaan gaggeeffamuuf Afrikaan Kibbaa fi Rippaablik Diimookiraataawaa Koongoon rakkoon Afrikaa furmaata Afrikaan furamuu qaba ejjonnee jedhuunn tattaaffii taasiisaa jiran galateeffataniiru.

Dabalataan Ityoophiyaan Guutinsa Bishaan Hidha Haaromsaa marsaa 2ffaa osoo hin eelan dura odeeffannoo waljijjiiruuf gaaffii dhiyeessite biyyoonni kunneeni kuffisuu isaanii ibsaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment