Ityoophiyaan Sudaan Kibbaatti nageenya waaraa mirkaneessuuf adda durummaan hojjechaa turteerti- Preezdaant Saalvaa Kiir

Finfinnee, Bitootessa 23, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan Sudaan Kibbaatti nageenya waaraa mirkaneessuuf adda durummaan hojjechaa turuu Preezdaantiin biyyattii Saalvaa Kiir ibsaniiru.

Jilli Ministira Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Dooktar Abrahaam Balaayiin durfamu ergaa Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Preezdaantii Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiiriif dhiyeessaniiru.

Ityoophiyaan waliigaltee nageenyaa Sudaan Kibbaaf deeggarsa barbaachisu taasiisuuf qophummaa qabaachuu mirkaneessaniiru.

Preezdaantiin Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir gama isaaniin Ityoophiyaan Sudaan Kibbaatti nageenya waaraa mirkaneessuuf adda durummaan biyya hojjechaa turte ta’uu fi ergaa Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ergan dinqisiifataniiru.

Haala waliigalteen nageenyaa irra jiru jila kanaaf ibsaniiru.

Dabalataan Dooktar Abrahaam dursaa Itti aanaa Preezdaantii Sudaan Kibbaa Dooktar Riik Maachaar waliinis mari’ataniiru.

Dooktar Riik Maachaar Ityoophiyaan waliigaltee nageenyaa yeroo hammaa hojiitti hiikamaa jiru akka mallattaa’uu ga’ee ishee adda durummaan ba’uu yaadachiisuun, tattaaffichi cimee akka itti fufu gaafachuu isaanii TOI gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment