Ityoophiyaan Shaampiyoonaa Teekaawaandoo Idil Addunyaa Afrikaan meedaaliyaa warqee 11 argatte

Finfinnee, Eebila 1, 2014 (FBC) –Ityoophiyaan Shaampiyoonaa Teekaawaandoo Idil Addunyaa Afrikaa 2ffaan guyyaa baniinsatti qofa meedaaliyaa warqee 11 argatte.

Shaampiyoonaa Teekaawaandoo Idil Addunyaa Afrikaa Ityoophiyaatti gaggeeffamaa jiru kanarratti Ityoophiyaa, Gaambiyaa, Seeneegaal, Ugaandaa, Somaaliyaa, Taanzaaniyaa, Kootdiivaaheer, Moozaambiik, Jiibuutii, Biruundii fi Zaambiyaan hirmaachaa jiru.

Ityoophiyaan guyyaa baniinsaan qofa Dhiiraan meedaaliyaa Warqee 6, dubartootaan 5 waliigala Warqee 11 argachuun olaantummaan shaampiyoonicha dursaa jirti.

Dabalataan meedaaliyaa Meetii 11 fi Nahaasii 10 argachuu dandeesseerti.

Seeneegaal Meedaaliyaa Warqee 1 kan argatte yoo ta’uu, Moozaambiik,Ugaandaa fi Biruundiinisa meedaaliyaa keessa galaniiru.

Morkiin shaampiyoonichaa borus itti fufa jedhame.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment