Finfinnee, Fulbaana, 29 2014 (FBC)- Yunnvarsiitiin Finfinnee yeroo 72ffaaf muummee garagaraatiin barattoota kuma 6 ol addabaabaay Michoomaatti eebbisiseera.
Kantiibaan magaalaa Finfinnee fi walitti qabdiin boordii yuunvaarsiiticha aadde Adaanach Abeebee eebbifamtoota, maatii eebbifamtootaa fi barsiisootaa fi hojjettoota yuunvarsiitiichaan baga gammaddaan jedhaniiru.
Aadde Adaanach barattoota eebbifamooniif erga dabarsaniin, Ityoophiyaan seenaa boqonnaa haaraa wayita eegalteetti eebbifamuun keessaan itti gaafatamummaan dachaa akka isinirra jiraatuu taasiseera jedhaniiru.
Kanaafi hojii bobbaataan irratti fayyadamummaa uummatootaa fi biyyaa akkasumas jireenya fooyyeessuu mirkaneessuuf cimtanii hojjechuu qabdu jechuun dhaamuusaanii ragaan waajjira prees seekreetaarii Finfinneerra argamee ni muul’dhisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.