Ityoophiyaan Sagantaa guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 500 dhaabuun milkeessite

Finfinnee, Adoolessa 10, 2015 (FBC)- Ityoophiyaa bakka hundaatti ganama sa’aatii 12:00 eegalee hanga ammaatti biqiltuu miiliyoonni 566 ol dhaabamuu Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Sagantaa Guyyaa Tokkottii biqiltuu miiliyoona 500 dhaabuu qabatte milkeessuu ishees beeksisaniiru.

Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad kutaa hordoffii ragaalee dhaabbii biqiltuu irraa ibsa kennaniin guyyaa har’aatti sagantaa guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 500 dhaabuu gaggeeffamerrattii lammiileen Ityoophiyaa dammaqinaan hirmaachuu ibsaniiru.

Naannawaa Ityoophiyaa hundaatti ganama sa’aatii 12:00 eegalee hanga ammaatti biqiltuu miiliyoonni 566 fi kuma 971 fi 600 dhaabamuu dubbataniiru.

Lafa hektaara kuma 302 irraa kan dhaabame ta’uu eeraniiru.

Naannoleen biqiltuuwwan dhaabamanii fi lafa eeramee ol irra dhaabuu danda’an jiraachuus eeranii, ragaan eerame garuu bakkoota teeknooloojiin addaa baafamanii fi hammataman ta’uu eeraniiru.

Lammiilee hirmaannaa taasisan hundaas galateeffachuun baga gammaddan jedhaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment