Finfinnee, Sadaasa 9, 2014 (FBC)- Ityoophiyaan rakkooshee hiikuuf dandeettii qabdi jedhan Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Keeniyaa Reechaal Omaamoon.
Reechaal Omaamoon dhimmoota garaagaraarratti Ministira Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Antooniyoo Bilinkeen waliin mari’ataniiru.
Mariisaaniitiin haala yeroo Ityoophiyaa kaasuus ibsameera.
Marichaan Ityoophiyaan rakkooshee hiikuuf dandeettii qabdi jedhanii kan amanan ta’uu Reechaal Omaamoon eeraniiru.
Ciminaa fi ogummaa uummata Ityoophiyaatti kan amanan ta’uus ibsaniiru.
Akka ollaatti hojiin keenya Ityoophiyaa deeggaruudha jedhan Ministir Reechaal Omaamoon.
Ityoophiyaan biyya fi michuu jabduu ta’uushees ibsaniiru.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna