Finfinnee, Amajjii 17, 2014 (FBC)-Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdee guyyaa ayyaana horsiisee bulaa akka biyyaalessaatti qopheessummaa bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaan yeroo 18ffaaf Adaamaatti kabajameerratti Ityoophiyaan rakkoolee ishee mudatan injifachuun ni ceetii jedhaniiru.
Preezdaant Saahilawarq naannolee horsiisee bulaa hongeef saaxilaman mootummaan quba qabaachuu kaasuun gama hundaan xiyyeeffannoon addaa hawaasa horsiise bulaa guutuu biyyatti madaalu ni hojjetamaa jedhaniiru.
Dabalataan qaamoleen hojii mootummaa sadarkaa sadarkaan jiran rakkoolee hawaasni horsiisee bulaa keessa jiru hubachuun daggeersa barbaachisu taasisuu akka qaban hojimanee atattamaan hojjetamu qabu kennaniiru.
Iddoosaa Abdiitu gabaase
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.