Finfinnee, Hagayya 21, 2013 (FBC) – Ityoophiyaan rakkoo keessoo ishee humna ofiin furachuu dandeettii kan qabdu ta’uu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanniitti Biyyoonni miseensa Mana Maree Nageenyaa ibsan.
Manni marichaa walga’ii dhimma Ityoophiyaa ilaalchisee gaggeesseen biyyoonni miseensa mana marichaa Ityoophiyaan dhimma keessoo ishee humna ofiin furachuu qabdi jedhan.
Keessattuu Raashiyaa fi Hindi tarkaanfii dhukaasaa dhaabuu gamtokkee mootummaan Ityoophiyaa fudhate hordofee gareen shororkeessaa ABUT weerara naannolee ollaa Amaaraa fi Afaaritti gaggeesse balaaleffataniiru.
Mootummaan Ityoophiyaa filannoo Diimookiraatawaa gaggeessuun filatame rakkoo keessoo isaa ofiin furachuu humna kan qabu ta’uu biyyoonni kunneen ibsaniiru.
Maqaa deeggarsa namoomaan birmadummaa biyyattii sarbuuf yaalii taasiifamaa jiru biyyoonni kunneen kan hin fudhannee ta’uu kaasaniiru.
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii qaamolee maqaa deeggarsa namoomaan yaalii akkasii taasiisanirratti tarkaanfii fudhachuu akka qabu gaafataniiru.
Raashiyaa, Chaayinaa fi Hindi tattaaffii mootummaan Ityoophiyaa rakkoo biyyattii quunname furuuf taasiisan kan deeggaran ta’uu himaniiru.
Keeniyaan gama isheen qoqqoobbii mootummaa Ityoophiyaarraa kaa’amuuf yaadamaa jiru kamiiyuu kan hin fudhanne ta’uu ibsiteerti.
Dhimma Ityoophiyaa keessa galuun natu siif beekaa humnoota alaa Ityoophiyaan kan hin fudhanne ta’uu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti ergamaan addaa Ityoophiyaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen mirkaneessaniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.