Finfinnee, Qaammee 3, 2013 (FBC) – Ityoophiyaan rakkoo ishee muudate hiikuuf tattaaffiin taasiiftu kan dinqisiifatamu ta’uu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Jaappaan Ittoo Taakaakoon dubbataniiru.
Hariiroon Ityoophiyaan Jaappaan dabalatee biyyoota biroo waliin qabdu yeroo gara yerootti fooyya’aa dhuufuun kan dinqiifamu ta’uu eeraniiru.
Duulli olaantummaa seeraa kabachiisuuf taasiifamu nageenya lammiilee eeguuf ta’uu ni hubanna jedhan.
Rakkoon akka kanaa biyyoota gaddaataa jiranis ta’e biyyooa badhaadhan muudachuu kan danda’u ta’uu eeraniiru.
Ityoophiyaan rakkoo amma ishee muudate ni ceete jedhan.
Ambaasaaddar Ittoo Taakaakoon barri haaraan ummata Ityoophiyaaf bara badhaadhinaa, nageenyaa, misoomaa fi fayyaa akka ta’u hawwaniiru.
Bara haaraa kanatti Ityoophiyaan afuura haaraan hariiroo damee Dippiloomaasii caalmatti kan itti milkeessu akka ta’u amantaa qabaachuu ibsaniiru.
Hariiroon Ityoophiyaa fi Jaappaan hariiroo waggoota 90 ol lakkoofsiise ammas michummaa gaariin itti fufe ta’uu ragaan ni agarsiisa.
Maddi:-TOI
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.