Ityoophiyaan rakkoo ishee mudate keessaa baatee imala guddinaashee itti fufteetti- Ambaasaaddara Raashiyaa

Finfinnee, Muddee 14, 2014 (FBC)- Ityoophiyaan rakkoo keessoo ishee mudate dandeettii mataa isheen keessaa baatee imala guddinaashee itti fufteetti jedhan Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Raashiyaa Ibjaanii Tarakiin.

Sochii biyyoonni tokko tokko dhaabbilee idil addunyaatti fayyadamuun ajandaa siyaasa isaanii Ityoophiyaarratti fe’uuf taasisan Raashiyaan cimsitee kan balaaleffattu ta’uu ibsaniiru.

Waliigalteewwan biyyoota lameen gidduutti mallatteeffaman bu’aa qabeessa taasisuuf hojiileen hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Fuuldurattis deeggarsi Raashiyaan Ityoophiyaaf taasistu cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Guyyaan ayyaana hundeeffama paartii Raashiyaa giddugala saayinsii fi aadaa Puushkiinitti kan kabajame yoo ta’u hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraahan ayyaanicharratti argamuun ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Wandasan Araggahanyitu gabaase

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment