Ityoophiyaan Raashiyaa waliin walta’iinsa damee nageenya saayibaarii cimsuuf fedhii qabdi jedhame

Finfinnee, Bitootessa 28, 2015 (FBC)- Mootummaa Ityoophiyaa Mootummaa Raashiyaa waliin damee nageenyaa saayibaariin walta’insaa cimsuuf fedhii qabaachuu itti fufuuf fedhii qabaachuu Daayrektaarri Olaanaa Bulchinsaa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa dubbatan.

Obbo Solomoon Sookaan Ityoophiyaatti Ambaasaddara Raashiyaa Ivigiinii Tarkihin waliin biyyoonni lameen nageenyaa saayibariirratti fuulduratti waliin hojjechuuf haalotaa dandeessisanirratti mari’ataniiru.

Marii kanaan, Mootummaa Ityoophiyaa Mootummaa Raashiyaa waliin dameewwan misoomaa garaagaraarratti walta’iinsa cimaa taasisaa jiru, damee nageenya saayibaariin cimsee itti fufu akka barbaadu ibsaniiru.

Ambaasaaddar Iviigeenii Tarkihiin gama isaaniin Bulchiinsii Nageenyaa Odeeffannoo, nageenya saayibarii Ityoophiyaa mirkaneessuun, guddinaa diinagdee fi hawaasummaa biyyattii gama deeggaruutiin hojiileen hojjechaa jiru jajjabeessaa ta’uu dubbataniiru.

Fuuldurattis biyyoonni obbolaa lameen dameewwan misoomaa biroorratti walta’iinsaa cimaa qaban damee nageenya saayibariin hojjechuu akka qaban ibsaniiru.

Milkaa’ina kanaafis gumaacha gama isaanii akka taasisan Ambaasaaddarichi dubbachuu ragaan bulchiinsicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment