Ityoophiyaan qormaata hunda darbuun daandii guddinaa qabattee imalaa jirti – Dooktar Abiy

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad gaaffii miseensoota mana mareerraa ka’aniif deebii fi ibsa laataniiru.
Dooktar Abiy Qaala’iinsi jireenyaa fi haala waqtaawaa diinagdee biyyattii ilaalchisuun gaaffii irra deeddebiin miseensoota mana marichaarraa ka’aniif deebii laataniiru.
Ityoophiyaan qormaata hunda darbuun daandii guddinaa qabattee imalaa jiraachuu eeraniiru.
Weerarri vaayrasii Koroonaa fi hoomaan awwaannisaa diinagdee biyyaa qormaata guddaarra buuseera jedhan.
Balaa uumaamaa fi nam tolcheen lubbuu fi qabeenyi lammiilee hedduun gaaga’ameera.
Taateewwan kunneen Ityoophiyaatti qaala’iinsi jireenyaa dachaan akka dabalu taasiisuu ibsaniiru.
Jijjiirramaan as diinagdeen Ityoophiyaa guddina olaanaa galmeessuu itti fufeera jedhan.
Damee Qonnaa, albuudaa, kuduraa fi muduraan, ijaarsa Proojektoota misoomaan hojiin bu’aa qabeessa ta’e hojjetamuu ibsaniiru.
Bara oomishaa kana yeroo jalqabaaf misooma jallisii boneen qamadiin kuntaalli miiliyoonni 15 argamuu ibsaniiru.
Maallaqni socho’aan baankootaa Tiriiliyoona tokko caaleera.
Guddinni Ityoophiyaa biyya keessaa tiriiliyoona 3 ol ga’eera.
Diinagdeen al ergii Ityoophiyaa % 18 guddateera.
Invastiimantiin alaa Ityoophiyaa % 20 guddachuu eeraniiru.
Galiin nama dhuunfaa waggaan Doolaara kuma 1 ol ga’uu ibsaniiru.
Lammiileen Ityoophiyaa % 60 tajaajila humna Elektirikaa argachaa hin jiran, kana furuuf ni hojjetama.
Bara baajataa kana hojiin maallaqaa fi imammata maallaqaa to’achuu xiyyeeffannoon hojjetama jedhan.
Bara oomishaa kana lafti qonnaa kamiiyyuu hagabuu buluu hin qabu.
Hojiin misooma qonna jallisii bonee fi qonna kilaasteraa xiyyeeffannoo olaanaan hojjetama jedhaniiru.
Sagantaa Ashaaraa magariisaa milkeessuun kallattii hundaan faayidaa olaanaa qabaachuu eeraniiru.
Sababoota garaagaraan hammi oomisha Simmintoo xiqqaachuu isaan gatiin Simmintoo dabaluu eeruun, rakkicha furuuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment