Finfinnee, Muddee 9, 2014 (FBC)- Ityoophiyaan Murtoo waltajji Mana Maree Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii hin fudhattu, raawwii isaas hin tumsitu jechuun Mootummaan ibseera.
Ministir deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Salaamaawit Kaasaa haala waqtaawaa biyyarratti ibsa laataniiru.
Ibsa isaaniin biyyoonni tokko tokkoo ajandaa siyaasa qabatanii waltajjii adda manni marichaa gaggeessuu isaa Ityoophiyaan cimsitee kan mormituu ta’uu ibsaniiru.
Ityoophiyaan dhaabbata mirga namooma cimaa fi walabaa ijaaruu ishee ibsaniiru.
Mootummaan mirgi namooma lammiilee akka kabajamuuf kaka’umsaa olaanaa akka qabu kaasaniiru.
Mootummaan qaamolee yakka raawwataan gaafachisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu beekamuu qabas jedhaniiru.
Gareen shororkeessaa ABUT iddoowwan garaagaraatti badiin raawwatan dhaga’uuf gurraa hin qabne qaamoleen waltajjiicha raawwataan dursanii murtoo laataaniirus jedhaniiru.
Mootummaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaan waliin hojjechuuf fedhii qabuuf kaka’umsaa ture fudhatama dhabsiisuun, bu’aa waltajjichaa mootummaan akka hin fudhannees himaniiru.
Waltajjiin guyyaa kaleessa gaggeeffamee Ityoophiyaan yeroo qormaata ishee eenyu akka cina dhaabbate kan itti argineedha jedhun biyyoota michuu ta’an galateefataniiru.
Akkasumas qaamoleen qorannoo dhiibba mirga namooma walabaa fi adeemsa seeraa qabeessaa ta’een gaggeessuu barbaadaniif ulaan ishee banaadha jedhaniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.