Finfinnee, Muddee 8, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan Murtoo Mana Maree Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kan hin fudhanne ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiise.
Manni marichaa walga’ii addaa Ityoophiyaa ilaalchisee har’a gaggeesse fedhii dhuunfaa biyyootaa raawwachiisuuf itti fayyadamuuf ta’uu Ministeerichi ibseera.
Manni marichii fedhii siyaasaa biyyoota muraasaa raawwachiisuuf ooluun isaa kan isa gaddisiise ta’uu himeera.
Mootummaan Manni marichaa walga’ii addaa waamuu caalaa karaa sirrii ta’een akka hojjetu gaafachuun kan yaadatamuudha.
Yaa ta’uutii Manni marichaa sarbama mirga namoomaa Komishiniin mirga namoomaa Ityoophiyaa raawwatameera jedheen wal qabatee preezdaantii Mana maree mirga namoomaa fi miseensonni mana marichaa yaada hojiirra akka ooluu dhiyeessaniin ala karaa faallaa ta’een kan raawwatame ta’uu kaaseera.
Gochaan biyyoota miseensa gamtichaa tokko tokko gidduutti raawwatame haala giddu seentummaa keessoo biyyattii hammeessuun ala faayidaa kan hin qabne ta’uu hubachiiseera.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.