Ityoophiyaan misooma humna namaa guddisuuf qulqullina barnootaarratti hojjechuu qabdi jedhame

Finfinnee, Fulbaana 3, 2015 (FBC) – Ityoophiyaan misooma humna namaa guddisuuf qulqullina barnootaarratti xiyyeeffannoon hojjechuu akka qabdu Gabaasni Agarsiistuu Misooma Humna Namaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ifoomse.

Gabaasni agarsiistuu misooma humna namaa idil addunyaa 2012/22 guyyaa har’aa magaalaa Finfinneetti foomeera.

Waraanni Raashiyaafi Yuukireen, weerarri vaayirasii koroonaa, qaala’iinsi gatiifi rakkooleen dhimmoota kanneen waliin hidhata qaban guddina misooma namaa biyyoota addunyaarra dhiibbaa geessisuu gabaasichi ni mul’isa.

Ityoophiyaatti Daayrektarri Sagantaa Misooma Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Tuurhaan Saalaahi,hangi guddina misooma humna namaa biyyoota addunyaa  %90 hir’achuu ibsaniiru.

Ityoophiyaan rakkoolee uumamaafi nam-tolchee keessatti sadarkaa ishee eegsisuu dinqisiifachuun, guddina misooma humna namaa mirkaneessuuf qulqullina barnootaa fooyyessuu akka qabdu dubbataniiru.

Yuunivarsiitii Finfinneetti qorataan Diinagdee Piroofeesar Alamaayyoo Gadaan gamasaaniin, dhiibbaan idil addunyaafi biyya keessaa Ityoophiyaa mudataniyyuu, hojiileen dameewwan barnootaafi fayyaa hojjetaman sadarkaa misooma humna namaashee akka ittifufsiistuuf shoora oolaanaa qabaachuu eeraniiru.

Yeroo itti aanutti dameewwan mirkaneessa misooma humna namaa hundarratti xiyyeeffannoon hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment