Ityoophiyaan miseensa koree UNESCO waliigaltee 1970 ta’uun filatamte

Finfinnee, Caamsaa 19, 2013 (FBC) – Ityoophiyaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti miseensa koree Dhaabbata Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa waliigaltee 1970 ta’uun filatamte.
Filannoo yaa’ii idilee 6ffaa biyyoonni miseensa dhaabbaticha gaggeessaniin Ityoophiyaan miseensa korichaa ta’uun filatamteerti.
Korichi hambaaleen aadaa karaa seeraa alaan biyyaa akka hin baanee fi nama sadaffaatti akka hin dabarre sadarkaa idil addunyaatti hojii ittisuu fi eeguu hojjeta jedhame.
Ityoophiyaan eeggumsa hambaalee aadaa biyya keessaa fi alaaf taasiifamu keessatti qooda ishee kan baatu ta’uu ibsameera.
Biyyoota miseensa korichaa ta’uun irra deebii fi haaraa filatamaniif ergaan baga gammaddanii darbeera.
Ityoophiyaanis eeggumsa damee hambaalee aadaaf taasiifamuuf qooda ishee ba’uu kan itti fuftu ta’uu mirkaneessuu ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment