Ityoophiyaan miseensa BRICS ta’uun ishee tumsa tarsiimawaaf shoora qaba – Ambaasaaddar Misgaanuu

Finfinnee, Mudde 1, 2016 (FBC) – Ityoophiyaan Miseensa BRICS ta’uun tumsaa tarsiimawaa ishee cimsuuf shoora qabaachuu Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan ibsan.

Ambaasaaddar Misgaanuun Fooraamii Kuwaatar 21ffaa Dohaarratti hirmaataniiru.

Fooramichi mata duree ‘BRICS sirnoota hundagaleesaa idil Addunyaa keessatti dhiibbaa dabalaa jiru’ jedhuun gaggeeffamuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Ambaasaaddar Misgaanuun, Itiyoophiyaa Miseensa BRICS ta’uun tumsa tarsimaawa ishee cimsuuf gahee qaba jedhan.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Comments (0)
Add Comment