Ityoophiyaan Miseensa BIRICS ta’uun taatee seena qabeessa-MM Dooktar Abiy

Finfinnee, Hagayya 18, 2015 (FBC)- Ityoophiyaan Miseensa BIRICS ta’uun taatee seena qabeessa jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Yaa’ii BRICS 15’ffaa Afrikaa Kibbatti gaggeeffamaa jirurratti Ityoophiyaan miseensaa garichaa taateetti.

Kana ilaalchisuun Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasumma isaaniin akka jedhanitti, yaa’iin BRICS Ityoopiyaa miseensummaan simachuun raggaasiseera.

Kunis Ityoophiyaaf taatee seena qabeessa ta’uu kaasaniiru.

Ityoophiyaan hunda hirmaachisaa kan ta’e sirna Addunyaa badhaate mirkaneessuuf, hunda waliin hojjechuuf yoomiyyuu qophii ta’uus akeekaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment