Finfinnee, Muddee 29, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan Milkaa’ina Marii Biyyaaleessaaf wareegama kamuu kan kaffaltu ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiise.
Rakkooleen Ityoophiyaa karaa hunda galeessa ta’een furuun akka barbaachisu mootummaan haalaan kan amanu ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibsa baaseen himeera.
Rakkooleen Ityoophiyaa karaa hunda galeessa ta’een furuun akka barbaachisu mootummaan kan amanu ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibsa baaseen himeera.
Kanas jalqaba jijjiirramaa eegalee ifoomsaa tureera.
Dhukkuba tokkorraa fayyuuf qorichi akkuma fudhatamu, rakkoo biyya tokko hiikuuf daandiwwan furmaataa hundatti dhimma ba’uun barbaachisaadha.
Ityoophiyaanhaleellaa kallattii maraan irratti baname gootoota isheen qolachuu ibseera.
Ityoophiyaan damee hundaan injifachuun imala jijjiirramaa eegalte itti fufti.
Mootummaan ummataan filatame mareen biyyaalessaa hunda hammate akka milkaa’u dirqama irraa eegamu keessa tokko dhiifama taasiisuudha. Dirree siyaasaa babal’isuuf hidhamtoonni murtaa’aan mana hidhaatii akka ba’an mootummaan har’aa ba’aniiru.
Dhiifamni taasiifame hidhamtoota dura hidhamanii fi yeroo dhiyoo waraana uumame waliin walqabatee hidhaman kan dabalatu ta’uu Tajaajjilli Kominikeeshinii Mootummaa ibseera.
Mootummaan murtoo kana kan murteesse rakkoo Ityoophiyaa karaa nagaan waaraan furuuf daandii banuuf ta’uu himeera.
Dabalataan gaaffii ummataa tilmaamama keessa galchuu fi murannoo mootummaan siyaasaa nagaaf qabu muul’isuuf ta’uu ibseera.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.