Finfinnee, Fulbaana 12, 2015(FBC)- Ityoophiyaan michummaa Emireetota Araba Gamtoomanii, Gamtaa Awurooppaafi Koree Fannoo Diimaa Idil Addunyaa waliin qabdu cimsuuf murannoo qabaachuu Ittaanaan Muummee Ministiraafi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin ibsan.
Obbo Dammaqaan Yaa’ii Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Ameerikaa magaalaa Niwuyoorkitti gaggeeffamaa jiru cinaatti Ministira Alaafi Tumsa Idil Addunyaa Mootummoota Emereetota Araba Gamtoomanii Sheek Abdullaahi Biin Zaayid waliin mari’ataniiru.
Ityoophiyaafi Mootummoonni Araba Gamtoomanii michummaa isaanii daran guddisuu akka qabaniifi dhimmoota fayyadamummaa waloo isaanii mirkaneessan irratti hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Sheek Abdullaahi Biin Zaayid gamasaaniin, biyyoonni lameen dameelee daldalaafi indaastiriin waliin hojjechuuf dandeettii qabaachuu fi hariiroo isaanii cimsuu akka qaban eeraniiru.
Dabalataanis obbo Dammaqaan Komishinara Walta’iinsa Idil Addunyaa Gamtaa Awurooppaa Juutaa Urpiilaayinan waliin mari’achuu ibsameera.
Mariisaaniin Obbo Dammaqaan haala yeroo kaaba Ityoophiyaa irratti ibsa kan kennan yoo ta’u, Ityoophiyaan hariiroo Gamtaa Awurooppaa waliin qabdu haaromsuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.
Juutaa Urpiilaayinan gamasaaniin, Gamtaan Awurooppaa Ityoophiyaatti nageenyi akka mirkanaa’u fedhii qabaachuu eeruun, tattaaffii taasifamaa jiran deeggaruuf qophii ta’uu ibsaniiru.
Marii Koree Fannoo Diimaa Idil Addunyaa waliin taasisaniin, hojiilee Korichi Ityoophiyaa keessatti hojjetu irratti haala mootummaa Ityoophiyaa waliin hojjechuu danda’urratti mari’achuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.