Ityoophiyaan liqeessitootarraa haara galfii idaa argatte

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2012 (FBC) – Ityoophiyaan liqeessitootarraa haara galfii idaa argatte.

Ityoophiyaan weerara vaayrasii koroonaa akka dandamattuuf liqeessitoota biyyoota Kilabii Paariis irraa fayyadamoo haara galfii idaa taatetti.

Ityoophiyaa dabalatee biyyoonni haara galfii idaa argatan Chaad, Riippabliika Koongoo fi Paakistaani.

Kilabiin Paariis kaka’umsa Faransaayin kan hundaa’ee fi biyyoota miseensa Garee 20 hedduu kan hammatedha.

Akka gabaasa Rooytarsitti biyyoonni addunyaa hiyyeeyyii ta’an 77 weerara vaayrasii koroonaa akka dandamataniif fayyadamoo haara galfichaa ta’aniiru.

Jalqaba biyyoonni 12 haara galfii idaa Doolaara biiliyoona 1.1 kan argatan ta’a.

Marsaa itti aananiin ammoo biyyoonni 30 fayyadamoo haara galfichaa ni ta’u jedhameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment