Ityoophiyaan Liigiin Arabaa Hidha Haaromsaarratti Gibts deeggaruun murteen dabarse fudhatama hin qabu jette

Finfinnee, Gurraandhala 27, 2012 (FBC) – Ityoophiyaan Liigiin Arabaa Hidha Haaromsaarratti Gibts deeggaruun murteen dabarse fudhatama hin qabu jette.

Liigiin Arabaa sadarkaa ministiroota dhimma alaatin walga’ii Roobii darbe gaggeessen Hidha Haaromsaarratti ejjennoo Gibts deeggaruudhan yaada murtoo dhiyeessera.

Miseensa liigichaa kan taate Sudaan murticha mormiteetti.

Sudaan murteen darbe biyyoota Arabaa Ityoophiyaa waliin kan walitti buusuu fi fudhatama kan hin qabne ta’uu ibsuudhan murticharratti maqaan ishee akka hin kaa’amne mormiteetti.

Ministeerri Dhimma Alaa FDRI ibsa har’a baasen akka beeksisetti, Liigiin Arabaa murteen dabarse yaadolii marii kanaan dura Hidha Haaromsaarratti gaggeeffaman ilaalcha keessa kan hin galchine, biyya miseensa isaa taatef dunuunfannaan deeggarsa kan laate jedheera.

Ibsichaanis ejjennoo Sudaan dinqisiifateera.

Ministeerri Dhimma Alaa FDRI ibsa isaatin Ityoophiyaan biyyoota Arabaa waliin walitti dhufeenya gaarii akka qabdu, mariin kanaan boodaas bifa biyyoota dhimmi isaan ilaallatu fayyadamaa taasiseen hojiirra kan oolu ta’uu beeksiseera.

Liigiin Arabaas yaada qaamolee hundaa ilaalcha keessa galchuudhan, dhugaarratti kan hundaa’e ta’uu qabaan kaasera.

Faallaa kanaan murteen darbu garuu fudhatamaa fi amanamtummaa liigichaa laaffisa jedheera ministeerichi.

Liigichi addunyaarratti hojiilee nageenyaa, tasgabbii fi tumsarratti hojjeturrattis maqaa xuraa’aa kaa’ee darbaan akeeke.

Ityoophiyaanis bifa biyyoota yaa’a Naayil hin miinen, fedhii dhaloota ammaa fi egeree ilaalcha keessa galchuudhan, qabeenyichatti fayyadamuuf mirga qabdi jedheera Ministeerri Dhimma Alaa FDRI.

Lagichis daangaa biyyootaa kan qaxxaamuru waan ta’eef, fayyadamni isaa bifa tumsa waloo hin miine, haqaa fi sababarratti hundaa’en hojiirra akka oolu ni hojjetti jedheera.

Marii gaggeeffamuun waliigalteerra ni ga’amaan abdii Ityoophiyaan qabdus ministeerichi eerera.

Yaata’uutii liigichi Ityoophiyaarratti dhiibbaa uumuu fi olaantummaa agarsiisuuf yaalun fudhatama kan hin qabne, addunyaa amma jirturrattis bakka homaatuu hin qabnedha jedhe.

Ityoophiyaan sagantaa qabameen hojii bishaan guutuu fi anniisaa maddisiisuu kan hojjettu ta’uu, kunis akkaataa waliigaltee irra ga’ameen fudhatama kan qabu ta’uu ibseera.

 

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment