Ityoophiyaan lammiilee Somaaliyaa haleellaan miidhamaniif deeggarsa meeshaalee yaalaa taasiifte

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2015 (FBC) – Mootummaan Ityoophiyaa lammiilee Somaaliyaa haleellaa Shororkeesummaa miidhamaniif deeggarsa meeshaalee yaalaa fi Qorichaalee taasiiseera.

Jilli Itti Aanaa Daayrektaraa Jeneraalaa Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa Obbo Sisaay Tolaan durfamu deeggarsa kanneen Ministeera Fayyaa biyyattiif laateera.

Jilli Ityoophiyaa miseensota Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa, Raayyaa Ittisaa, Ministeera Dhimma Alaa fi Ministeera Fayyaarraa walitti babba’e Somaaliyaa magaalaa Moqaadishootti argamuun haleellaa raawwateen miidhaa qaqqabeef gadda itti dhaga’ame ibseera.

Somaaliyaa magaalaa Moqaadishootti Onkololeessa 19, 2015 haleellaa gareen shororkeessitootaa raawwatan lammiileen nagaa 100 ajjeeffamuu fi namoonni 300 ol ammoo madaa’uun kan yaadatamuudha.

Mootummaan fi Ummanni Ityoophiyaas miidhaa qaqqabeef ergaa gaddaa dabarsanii turan.

Gochaan akka kanaa irra deebiin akka hin raawwatamen Ityoophiyaan qaamolee nageenyaa biyyattii waliin tumsaan kan hojjettu ta’uu Obbo Sisaay dubbachuu isaanii Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo biyyaalessaa ibsa miidiyaaleef ergeen himeera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment