Ityoophiyaan lammiilee buqqa’aan deeggaruu fi deebistee dhaabuuf qophiidha-Ambaasaaddar Diinaa Muftii

Finfinnee, Muddee 6, 2013 (FBC)- Ityoophiyaan lammiilee buqqa’aan deeggaruu fi deebistee dhaabuuf qophii fi dandeettisa akka qabdu Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin ibsaniiru.

Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad magaalaa Maqaleetti argamuun marii taasisuun isaanii naannichatti sochiin nagaa eegaluuf mirkaneessuuf ta’u eeraniiru.

Ambaasaaddar Diinaa Muftiin haala waqtaawaa naannoo Tigraayii fi dhimmota gurguddoo irratti ibaa laataniiru.

Ibsa isaaniitin kutaa kaabaa biyyattitti rakkoo garee juntaan uumeen tureen lammiileen Sudaanitti argaman gara biyyaa isaanii deebisuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Yeroo ammaa kana lammiilee Sudaanitti baqatan kuma 40 keessaa garee ABUT waliin yakka irratti kan hirmaatan yoo jiraatan hojiin adda baasuu hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Lammiilee nagaa gara biyyaa deebisuufis hojjetamaa jirachuu himaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment