Finfinnee, Qaammee 3, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan karoora Eeggumsa naannoo fi qabeenya jijjiirrama qilleensaa waggaa 10 milkeessuuf xiyyeeffannoon kan hojjettu ta’uu Ministirri Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaan ibsan.
Dooktar Fitsum Asaffaan Ambaasaaddara Deenmaark Biraasamiiz Siind Biijeergii fi Ityoophiyaatti bakka bu’aa Inistiityuutii Riisoorsii Addunyaa Obbo Akliluu Fiqirasillaasee waliin karoora misooma Qabeenya jijjiirrame qilleensaarratti mari’ataniiru.
Tumsi Ityoophiyaa fi Deenmaark bara dheeraa kan lakkoofsiise ta’uu Dooktar Fitsum Asaffaan ibsaniiru.
Ityoophiyaan Diinagdee Magariisaa Qabeenya Jijjiirrama Qilleensaa cimaa ta’e ijaaraa jiraachuu kaasaniiru.
Deeggarsa Deenmaarkii fi Inistiityuutiin Riisoorsii Addunyaa taasiisan galateeffachuu isaanii ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.