Ityoophiyaan Ji’ootarmaala Tullu Mooyyee waliin waliigaltee bittaa anniisaa Doolaara miiliyoona 800 mallatteessite

Finfinnee, Bitootessa 24, 2012 (FBC) – Ityoophiyaan Ji’ootarmaala Tullu Mooyyee waliin waliigaltee bittaa anniisaa Doolaara miiliyoona 800 mallatteessite.
 
Waliigalticha Humni Elektiriikaa Ityoophiyaa fi dhaabbanni Faransaay Meeriidiyam Invastimant walii mallatteessaniiru.
 
Waliigaltichi humna elektiriikaa hurkaa ijaaruun maddisiisee gurguruu kan dandeessisudha.
 
Waliigaltichas hoji raawwachiisaa olaanaan Humna Elektiriikaa Ityoophiyaa Injiinar Ashabbir Baalchaa, ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaa, ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shidee, hoji gaggeessaan Meeriidiyam Invastimantii fi dura taa’aan proojaktii Tullu Mooyyee Maatiiw Piilarii fi bakka bu’aan Korpheettii mallatteessaniiru.
 
Tullu Mooyyeen elektiriika meeggaa waalii 150 maddisiisuu kan danda’u yammuu ta’u, marsaa lamaan hojjetama.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Comments (0)
Add Comment