Finfinnee, Onkoloolessa 1, 2014 (FBC)- Ityoophiyaan biyya ollaa ishee Jibuutiif biqiltuuwwan gosa adda addaa kuma 40 ol ergiteetti.
Olla Jibuutiitti kan argamtu magaalaan Dirree Dawaan biqiltuu kana kan qopheessite yoo ta’u, guyyaa har’aa bakka kantiibaan magaalichaa obbo Kadiir Juhaarii fi hoggantoonni biroo argamanitti biqiltuuwwan kanneen Jibuutiitti ergamaniiru.
Baha Ityoophiyaatti kan argamtu magaalaan Dirree Dawaa Jibuutii waliin waggoota dheeraaf walitti dhufeenya daldalaa kan qabduudha jedhan Obbo Kadiir.
Walitti hidhamiinsa Jibuutii waliin gama daldalaan ture gama misoomaatiinis cimsuuf bara kana kallattii Muummeen Ministeera Abiy Ahmad kaa’aniin biqiltuu kuma 200 erguuf karoorfamee fedhii gama Jibuutirraa dhiyaateen biqiltuuwwan kumni 40 erguun danda’ameera jedhan.
Dirree Dawaan Jibuutiif ollaa ta’uu isheetiin haala qilleensaa walfakkaataa waan qabaniiif jijjiirama qilleensaa irratti waliin hojjechuuf qophiidha kan jedhan ammoo Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo bosonaa fi jijjiirama Qilleensaa Bulchiinsa Dirre Dawaatti Daayrektera Daayroktereetii kunuunsaa fi misooma bosonaa obbo Masirashaa Yimaar.
Bara kana Ityoophiyaan biqiltuuwwan biiliyoona 7 qopheessite keessaa biqiltuuwwan biiliyoonni 1 biyyoota ollaaf erguun ishee ni yaadata.
Nageessoo Kadirtu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.