Finfinnee, Adoolessa 27, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan, imaammata “Chaayinaa tokko” irratti ejjennoon qabdu har’a kan eegale miti jechuun Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Mallas Alam ibsan.
Hariiroo damee hedduu gamlameenii cimsuuf sochii dippilomaasummaa bu’aa qabeessaa gaggeessuu ibsaniiru.
Ambaasaadar Mallas, dhimmoonni dippilomaasummaa biyyootaa addunyaa garaagaraatti mudatan Ityoophiyaa kan yaaddessuun ta’uu eeruun, tibbanaas muddama Chaayinaa fi Taayiwaan gidduutti mudate xiyyeeffannaan hordofaa jiraachuu kaasaniiru.
Ityoophiyaan, imaammata “Chaayinaa tokko” irratti ejjennoon qabdu har’a kan eegale miti jedhanii, hariiroo Chaayinaa waliin qabdu hundaatti mootummoonni Ityoophiyaa ejjennoo hinraafamne argisiisaniiru jedhan.
Yeroo ammaa imamamataa “Chaayinaa tokko” irrattti ejjennoo hinsochoone akka qabduu fi imaammaticharratti ejjennoon Ityoophiyaas, miseensummaan kan keessa jirtu ejjennoo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi Gamtaa Afrikaan tarkaanfchiisaniidha jedhaniiru.
Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonniin, Gaanfaa Afriikaatti Ergamtoota Addaa Gamtaa Awurooppaa fi Ameerikaa waliin mari’achuu eeruun, marii isaaniinis ejjennoo Ityoophiyaan nageenyaaf qabdu irra deebiin kan mirkaneessan ta’uu eeraniiru.
Ergamtoonni addaas tattaffiiwwan nageenyaa eegalaman cimanii akka itti fufan deeggarsa akka taasisan ibsuu isaanii kaasaniiru.
Ityoophiyaan, sochii dippiloomaasummaa bu’a qabeessaa fi hariiroo damee hedduu gamlamee gaggeessuu cimsitee itti fufteetti jedhan Ambaasaaddar Mallas.
Gama biraatiin, lammiilee biyyoota alaa karaa garaagaraan Ityoophiyaa seenan galmeen gaggeeffamaa ture marsaan jalqabaa kaleessa xumuramuu eeraniiru.
Haaluma kanaan, lammiileen biyya alaa kuma 66 galmaa’uu eeruun, lammiileen hingalmaa’iin ilaalchisee mootummaan kan itti hingaafatamne ta’u hubachiisaniiru.
Ambaasaaddar Mallas Alam, imaammanni alaa Ityoophiyaa, biyyoota ollaaf dursa kan kennu ta’uu tuqanii, hariiroon biyyoota ollaa waliin qabdu cimee akka itti fufuuf ciminaan kan hojjettu ta’uu himaniiru.
Maddi:-TOI
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.