Ityoophiyaan imaanaa ishee ni eegdi malee biyyoota yaa’aa Abbayyaa obboloota ishee miidhuuf hinyaaddu-MM Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Adoolessa 8, 2015 (FBC)- Ityoophiyaan Imaanaa ishee ni eegdi malee biyyoota Yaa’aa Abbayyaa obboloota ishee miidhuuf hinyaaddu jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa Afaan Arabaan dabarsaniin, amanaamtummaa fi waadaa galan raawwachuun amala gaarummaa fi qaama aadaa Ityoophiyaanota isa ijoo ta’uu kaasaniiru.

Ityoophiyaan olloota ishee miidhuuf biyyaa hinyaadne ta’uu ni mirkaneessina jechuunis ibsaniiru.

Lagni Abbayyaa biyyoota yaa’aa gara olii fi gara gadii gidduutti hariiroo waggoota kumaatamaatti lakkaa’amuu kan uumee ta’uu eeruun, kunis qabeenya uumamaa uumaarraa kennameef, biyyoota ollaa waliin misoomsuu fi fayyadamuuf fedhii olaanaa qabdi jechuun ibsaniiru.

Dabalataan, laga abbayyaa misoomsuu fi faayidaa garaagaraaf oolchuun garasitti ummatoota biyyoota yaa’ichaa kan walitti hidhee ture ta’uu eeraniiru.

Kana malees, Ityoophiyaan eenyuuniyyuu miidhuuf fedhii kan hinqabnee fi kan qabdu qooduun waliinjireenya guddisuuf biyya tttaafattu ta’uu akeekaniiru.

Fedhiin Ityoophiyaa badhaadhinaa biyyoota yaa’ichaa giddugaleeffate fiduuf waliin hojjechuu ta’uu Dooktar Abiy ibsanii, walta’iinsa fedhii waloo giddugaleeffate guddisuun fedhii Ityoophiyaa ta’uu hubachiisaniru.

Ijibtiin dabalatee biyyooyaa yaa’aa lagichaa miidhuuf yaada kan hinqabne ta’uus ibsaniiru.

Haaluma kanaan hoggansaa fi Ijibtiin ijaaruu fi guddisuuf tattaafii Pireezidantii Abdulfattaa Al Siisiin taasisan kan dinqisiifatamu ta’uu himaniiru.

Ityoophiyaa fi Ijibtiif Hidhi Guddichi Haaromsa Ityoophiyaa hundaaf faayidaa olaanaa akka qabu eeraniiru.

Faayidaawwan misoomawaaf bishaan Abbayyaa bakka kamuu ta’u haala ga’aan kuusuun faayidaawwan garaagaraaf oolchuun ni danda’ama jedhan.

Akkasumas wayita rakkoon mudatutti balaawwan akka hongee mudachuu danda’anif wabii ta’uu akeekaniiru.

Gama kanaan Ityoophiyaan misoomaa waloo fi waaraa ummatootaaf kutanoo qabaachuu eeruun injifataanis ummata ta’uu ergaa isaanii kanaan ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment