Finfinnee, Hagayya 7,2013 (FBC) – Fooraamiin Hundeeffama Yuunvarsiitiiwwan yaa’a laga Awaashii fi Waabee Shabalee Yuunvarsiitiiwwan 11 hirmaachise Yuunvarsiitii Haramaayaatti gaggeeffamaa jiru Haala waktaawaa Hidha Haaromsa Guddichaa irratti mari’ateeraa.
Ityoophiyaan hojii hidha haaromsaa halkanii guyyaa kan hojjataa jirtuuf qabeenya uumamaan qabdu gara misoomatti fiddee jiruufi jireenya lammiilee ishee fooyyessuuf malee qaama biroo miidhuuf miti jedhame.
Ministeera Dhimma Alaatti Gorsaan Seeraa Ambaasadar Ibraahim Idiriis, Gibtsi fi Sudaan qabeenya bishaanii Ityoophiyaan qabdu akkamiin waloon fayyadamnaa dhiisanii mirga Ityoophiyaan qabeenya ofiitti fayyadamuu qabdu dhiibuu malee kun Ityoophiyaa biratti yoomiiyyuu fudhatama akka hin qabne hubachuu hin dandeenye jedhan.
Hidhaan haaromsa qabeenya Ityoophiyaa ta’uu isaatiin qabeenyaa fi dafqa lammiilee hundaan ijaaramaa kan jiru yoo ta’u , kana Sudaanii fi Gibtsi qofa osoo hin taane biyyoonni Addunyaa hundi ni beeku dhugaa kana haaluun hin danda’amu jedhan Walitti qabaan garee teeknikaa Hidha Haaromsa Guddichaa Proofeesar Silashii Yilmaa.
Dhimmi hidha haaromsa guddichaa yoo barbaachiseef dhimma Gaanfa Afrikaatti ilaalamu sand’a kan jedhan Gorsaan Seeraa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasadar Ibraahim Idiriis giddu seentummaan biyyoota lixaa hin barbaachisu kun ejjannoo Ityoophiyaan qabattee hojii hidha haaromsaa itti fufsiisaa jirtuudha jedhan ambaasadarichi.
Hojii hidha haaromsaa itti fufsiisuuf akkuma kaleessaa qabeenyaa fi beekumsaan utubuun ga’ee lammiilee hundaa ta’uus himameeraa.
Kana malees, Ityoophiyaa laga Abbaay qofa osoo hin taane laggeen gurguddoo qabdu misoomsitee itti fayyadmuuf qorannowwan adda addaa taasisuun haayyoonni gahee isaanii bahachuu akka qabanis ibsameeraa.
Keessattuu dhaabbileen barnoota olaanoo beekumsa hayyootaa qorannoon dabaalanii hojii hidhichaa milkeessuuf ga’ee isaanii akka ba’atan Walitti qabaan garee teeknikaa hidha haaromsa Proofeesar Silashii Yilmaa maricharratti kaasaaniiru.
Nageessoo Kadiritu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.