Ityoophiyaan hiyyummaa hir’isuu fi bu’uuraalee misoomaa tajaajiloota hawaasummaa guutuuf jijjiirama galmeessiteetti-Sagantaa Nyaata Addunyaa

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan waggootan darban hiyyummaa hir’isuu fi bu’uuraale misoomaa tajaajilootaa hawaasummaa guutuuf jijjiiramaa fooyya’aa galmeessuu Sagantaan Nyaata Addunyaa beeksise.

Sagantaan Nyataa Addunyaa akka beeksisetti Ityoophiyaatti sababa balaawwaan umamaa fi namtolcheen lammiilee miiliyoona 20.4 deeggarsa nyaata akka barbaachisuun ibseera.

Haa ta’u malee, Ityoophiyaan rakkoo mudateen dandamachuuf karoora guddinaa fi tiraanisfoormeeshinii waggootaa shanii keessatti bara 2025 biyyattiin gara biyyoota galii giddugaleessaa argataniitti ce’uuf hojjechaa jiraachuu eereera.

Ityoophiyaatti jijjiirama eegalame tumsuuf keessumaa naannawaa baadiyyaatti lammiilee nyaata hatattamaa barbaadaniif sagantaa seeftineetiin deeggaruu kan itti fufu ta’uu beeksiseera.

Lammiileen hirkattummaa deeggarsa guyya guyyaa keessaa akka bahanii fi akka of danda’aniif xiyyeeffannaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu eereera.

Kana malees, lammiilee deeggarsa hatattamaa barbaachisuun adda baasuun haalduree tokko malee deeggarsa maallaqaa fi nyaataa taasisuu kan itti fufu ta’uu beeksiseera.

Biyyattiin, sagantaa nyaata barattootaa manneen barnootaatti eegaltee fi qonnaan bultoota galii gadaanaa qaban fooyyessuuf deeggarsa barbaachisa akka taasisu ibseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment