Ityoophiyaan hariiroo waloo Ameerikaa waliin qabdu cimsuuf fedhii qabdi – Obbo Dammaqaa Makonniin

Finfinnee, Gurraandhala 24, 2014 (FBC) –Ityoophiyaan hariiroo waloo Ameerikaa waliin qabdu cimsuuf fedhii qabaachuu Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin ibsaniiru.

Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin Ityoophiyaatti dhimma raawwachiisaa Imbaasii Ameerikaa Ambaasaaddar Tireesii Jaakoobsan waliin mari’ataniiru.

Obbo Dammaqaan Ambaasaaddar Tireesii Jaakoobsan gara Ityoophiyaa dhufuu isaanitti gammaduu ibsuun, Ityoophiyaan hariiroo Ameerikaa waliin qabdu cimsuuf fedhii qabaachuu dubbataniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment